Oromummaa

Bbc news afaan oromoo 

๐™Ž๐™–๐™–๐™ฎ๐™ž๐™ ๐™ค๐™ค๐™ก๐™ค๐™ค๐™Ÿ๐™ž๐™ž๐™ฃ amala namaa bakka gurguddaa saditti qoodee Kaa'a.



1.SUUTEE ( Passive person)

✓Namni kun yeroo hundaa moo’amaadha, waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.

✓Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa.
✓Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.

2. OFITTOO (Aggressive person)

✓Namni akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.

✓Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.
✓Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu.

✓Hiriyaa akkasii sirraa haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.
✓Hanga ati sagalee qabdu qofa si kabaja
Irraa isin haa baraaruu!!!!!!

3.NAMA SAMMUU BANAAQABU
(open minded person),

✓Yaada nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.
✓Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.

✓Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.

✓Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.

✓Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata.

@Oromtichaan

Comments

Popular posts from this blog

Http//Mijuuhayyotan.blogspot.compot.com